SACCO News
Kabaja Guyyaa Qusannoo fi Liqii Waldaalee Hojii Gamtaa
Yuuniyeenii WHG Faayinaansii Abdii Gudinaa Guyyaa Idil-addunyaa Qusannoo fi Liqii Waldaalee Hojii Gamtaa yeroo 78ffaa, sadarkaa Yuuniyeenichaatti immoo yeroo 8ffaa Onkoloolessa 28/2019 kabajeera. Ayyaana kana irratti Waldaalee hojii gaarii raawwatan gama Inshuraansii Lubbuu Liqii fi daa'imman qusannoo olaanaa qusatan beekamtii fi badhaasni kennameefii, aadaa qusannoo, itti gaafatamummaa faayinaansii fi guddina waldaalee hojii gamtaa itti fufiinsa qabu cimsuun kabajameera.
Nov 7, 2026 · 3 min read