Menu
Back to News
Banner of celebrating the 78th International Cooperative Savings and Credit Day and the 8th Union-level
SACCO News · 3 min read

Kabaja Guyyaa Qusannoo fi Liqii Waldaalee Hojii Gamtaa

Yuuniyeenii WHG Faayinaansii Abdii Gudinaa Guyyaa Idil-addunyaa Qusannoo fi Liqii Waldaalee Hojii Gamtaa yeroo 78ffaa, sadarkaa Yuuniyeenichaatti immoo yeroo 8ffaa Onkoloolessa 28/2019 kabajeera. Ayyaana kana irratti Waldaalee hojii gaarii raawwatan gama Inshuraansii Lubbuu Liqii fi daa'imman qusannoo olaanaa qusatan beekamtii fi badhaasni kennameefii, aadaa qusannoo, itti gaafatamummaa faayinaansii fi guddina waldaalee hojii gamtaa itti fufiinsa qabu cimsuun kabajameera.

YUUNIYEENII WHG FAAYINAANSII ABDII GUDDINAA

Kabaja Guyyaa  Qusannoo fi Liqii Waldaalee Hojii Gamtaa

“Faayinaansii Waldaa Hojii Gamtaa: Addunyaa Burjaajofte Keessatti Mallattoo Tasgabbii”

Yuuniyeeniin Waldaa Hojii Gamtaa Faayinaansii Abdii Guddinaa, Kabaja Guyyaa Idil-addunyaa Qusannoo fi Liqii Waldaalee Hojii Gamtaa addunyaan yeroo 78ffaaf, Yuuniyeenichi immoo yeroo 8ffaaf kabajuu Onk.28/2019 gammachuu fi milkiin kabajateera.

Sagantaan kabajaa kun bakka keessummoonni kabajaa Biiroo EBWHG Oromiyaa, EBWHG B/Magaalaa Adaamaa, dura taa’oonni waldaalee hojii gamtaa, koreen boordii Yuuniyeenichaa, maatii daa’imman qusannoo olaanaa raawwatan, miidiyaaleen akkasumas hojjettoonni Yuuniyeenichaa argamanitti gaggeeffameera.

Sagantaan kun mata duree ayyaanichaa irratti hundaa’uun marii paanaalii, ibsa gabaabaa waa’ee hiikaa fi kaayyoo ayyaanichaa, akkasumas muuxannoo gaarii waldaalee hojii gamtaa keessatti argaman qooduun kan gaggeeffame yoo ta’u, qabxiilee ijoo armaan gadii irratti xiyyeeffateera:

🏆 Beekamtii Waldaalee Muuxannoo Gaarii Qaban

Tajaajila Inshuraansii Lubbuu Liqii dursanii hojii irra oolchuu, itti fufiinsaan hojjechuu, miseensota hedduu fayyadamoo taasisuu fi raawwii hojii isaanii gama hundaan adda duree ta’aniif waraqaan beekamtii fi badhaasni kennameera.

👧 Beekamtii Daa’imman Qusannoo Olaanaa Qusatan

Aadaa qusannoo daa’imman keessatti guddisuu, egeree isaanii ijaaruu fi itti gaafatamummaa faayinaansii uumuu keessatti fakkeenya ta’aniif daa’imman qusannoo olaanaa qusatan waraqaa beekamtii fi badhaasa Mallaqaa argataniiru.

Ayyaanni kun aadaa qusannoo cimsuu, tajaajila liqii itti gaafatamummaa qabu babal’isuu, inshuraansii lubbuu liqii karaa itti fufiinsa qabuun hojiirra oolchuu, akkasumas muuxannoo gaarii waldaalee hojii gamtaa gidduutti waljijjiiruun guddina dinagdee miseensotaa fi hawaasaa mirkaneessuuf gahee olaanaa qaba.

Yuuniyeeniin WHG Faayinaansii Abdii Guddinaa, waldaalee hojii gamtaa cimaa, miseensota of danda’an fi hawaasa tasgabbaa’aa ijaaruuf kutannoo isaatiin hojii isaa itti fufa.

🌱 Qusannoo har’aa – Eegumsa egeree!

🤝 Waldaa Hojii Gamtaa – Humna Waloo, Guddina Waloo!

ABDI GUDINA FINANCIAL COOPERATIVES UNION LTD.

Celebration of International Credit Union Day

“Cooperative Finance: A Steady Signal in a Noisy World”

Abdi Gudina Financial Cooperatives Union Ltd. successfully and joyfully celebrated the 78th International Credit Union Day worldwide and the 8th celebration at the Union level on October 28, 2019 E.C.

The celebration was attended by distinguished guests from the Oromia Cooperative Promotion Bureau (EBWHG Oromia), Cooperative Promotion Adama City Administration, chairpersons of primary cooperatives, members of the Union’s Board , families of children with outstanding savings achievements, media representatives, and Union employees.

Based on the celebration’s theme, the program featured a panel discussion, a brief presentation on the meaning and objectives of International Credit Union Day, and experience sharing on best practices in financial cooperatives. The event focused on the following key activities:

🏆 Recognition of SACCOs with Outstanding Performance

Certificates of recognition were presented to SACCOs that pioneered the implementation of Credit Life Insurance services, demonstrated consistent performance, served a large number of members, and achieved outstanding results across different areas of their operations.

👧 Recognition of Children with Outstanding Savings

Children who demonstrated exceptional savings achievements and served as role models in promoting a savings culture, building a better future, and developing financial responsibility from an early age received certificates of recognition and cash awards.

The celebration played an important role in promoting a savings culture, expanding responsible lending services, strengthening the sustainable implementation of Credit Life Insurance, and encouraging the exchange of best practices among financial cooperatives to support the economic development of members and the wider community.

Abdi Gudina Financial Cooperatives Union Ltd. remains committed to building strong cooperatives, financially empowered members, and a stable and prosperous community.

🌱 Save Today – Secure Tomorrow!

🤝 Cooperatives – Collective Strength, Shared Growth!

#AbdiGudinaUnion #ICUDay2026 #CooperativeFinance #SavingsAndCredit #CreditLifeInsurance #FinancialInclusion #EmpoweringGrowthTogether

Event Gallery

Related news

No related news found.